17 Abrahaam yeroo Waaqni isa qoretti amantiidhaan Yisihaaqin aarsaadhaaf dhiʼeesse. Isuma waadaa argate sanatu ilma isaa tokkicha aarsaa godhee dhiʼeessuuf qophaaʼe; 18 innis isuma Waaqni, "Sanyiin kee Yisihaaqiin siif waamama"11:18 Uma 21:12 jedheen sana. 19 Abrahaam akka Waaqni warra duʼan keessaa nama kaasuu dandaʼu illee hubatee ture; kunis karaa tokkoon inni ilma isaa Yisihaaqin warra duʼan keessaa deebisee argate jechuu dha.