24 Museen yeroo guddatetti ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu amantiidhaan dide. 25 Inni gammachuu cubbuutiin yeroo gabaabaaf gammaduu irra saba Waaqaa wajjin dhiphachuu filate. 26 Inni waan badhaasa isaa of duratti ilaaleef, Kiristoosiif jedhee salphachuu akka qabeenya Gibxi caalaa gatii guddaa qabuutti fudhate.