Pular para o conteúdo
Publicidade

Hebreus 12

1 Kanaafuu nu waan dhuga baatota akka duumessa guddaa akkanaatiin marfamneef kottaa baʼaa hunda, cubbuu xaxee nu qabates of irraa baafnee gannaa; dorgommii fuula keenya dura jirus obsaan jabaannee fiignaa; 2 kottaa Yesuus isa jalqabaa fi fiixaan baasaa amantii keenyaa taʼe sana irra ija keenya kaaʼannaa. Innis gammachuu fuula isaa dura jiruuf jedhee qaanii fannoo tuffachuun fannoo obsee mirga teessoo Waaqaa taaʼe. 3 Isin akka dadhabdanii abdii hin kutanneef isa mormii cubbamoota isa irra gaʼe akkasii obse sana yaadatti qabadhaa.

Veja também