Pular para o conteúdo
Publicidade

Hebreus 12

7 Rakkina akkuma adabbiitti obsaa; Waaqni akka ilmaan isaatti isin adabaatii. Ilmi abbaan isaa hin adabne ilma akkamii ti? 8 Isin yoo adabbii ijoolleen hundinuu ittiin adabaman keessatti hin hirmaanne isin diqaalota malee ijoollee dhugaa miti. 9 Kana malees nu hundinuu abbootii foonii kanneen nu adaban qabna turre; isaan kabajnas turre. Yoos Abbaa hafuurotaatiif immoo hammam caalaa ajajamnee jiraachuu qabna ree! 10 Abbootiin keenya akkuma isaanitti gaarii fakkaatetti yeroo gabaabaaf nu adabaa turan; Waaqni garuu akka nu qulqullummaa isaa keessatti hirmaannuuf faayidaa keenyaaf jedhee nu adaba.

Veja também