Akeekkachiisa Amantii Dhabuu Irratti Kenname
7 Kanaafuu akkuma Hafuurri Qulqulluun jedhu:
"Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan,
8 akka yeroo qorumsaa gammoojjii
keessatti finciluun gootan sana,
mataa hin jabaatinaa;
12 Yaa obboloota, akka isin keessaa namni tokko iyyuu garaa hamaa fi hin amanne kan Waaqa jiraataa irraa nama fageessu hin qabaanneef of eeggadhaa. 13 Garuu isin keessaa akka namni tokko iyyuu gowwoomsaa cubbuutiin mata jabeessa hin taaneef utuu "Harʼa" jedhamaa jiruu guyyuma guyyaan wal jajjabeessaa. 15 Kunis akkuma,
"Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan,
akka yeroo fincilaa sana,
mataa hin jabaatinaa"3:15 Far 95:7,8
jedhamee barreeffamee dha.