Pular para o conteúdo
Publicidade

Iyyoob 29

1 Iyyoob haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:

2 "Ani jiʼoota darban, bara Waaqni na eege sana

akkamin hawwa ture,

3 yeroo ibsaan isaa mataa koo irratti ife, anis ifa isaatiin

dukkana keessa darbee yeroon deeme,

4 yeroo ani nama jabaa ture,

yeroo michummaan Waaqaa mana koo eebbise,

5 yeroo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu na wajjin ture,

yeroo ijoolleen koo naannoo koo turan,

6 yeroo daandiin koo dhadhaadhaan jiifame,

yeroo kattaanis laga zayitii ejersaa naaf yaase.

7 "Yeroo ani gara karra magaalaatti gad baʼee

oobdii sabaa keessa barcuma koo irra taaʼe,

8 dargaggeeyyiin na arganii karaa irraa goru;

maanguddoonnis kaʼanii dhaabatu ture;

9 hangafoonni sabaa dubbii afaanitti qabatanii

harka isaanii afaan irra kaaʼatu ture;

10 sagaleen namoota bebeekamoo hin dhagaʼamu ture;

arrabni isaaniis laagaa isaaniitti ni maxxana ture.

11 Namni na dhagaʼu kam iyyuu na jaja;

kanneen na arganis na galateeffatu ture;

12 ani hiyyeessa gargaarsa barbaachaaf booʼu,

nama abbaa hin qabne kan namni isa gargaaru tokko iyyuu hin jirre fureeraatii.

13 Namni duʼuu gaʼe na eebbiseera;

ani akka garaan haadha hiyyeessaa gammachuun ililchus godheera.

14 Qajeelummaa akka uffata kootti uffadheera;

murtiin qajeelaan immoo uffata koo fi marata mataa koo ture.

15 Ani nama jaameef ija,

okkolaaf immoo miilla taʼeen ture.

16 Ani rakkataadhaaf abbaan ture;

nama ormaatiif illee nan falman ture.

17 Qarriffaa nama hamaa nan cabse;

waan inni qabates afaan isaatii buuseera.

18 "Ani akkana jedheen yaadee ture; ‘Manuma koo keessattin duʼa;

barri jireenya kootiis akkuma cirrachaa baayʼata.

19 Hiddi koo gad fagaatee bishaan qaqqaba;

fixeensis halkan guutuu dameewwan koo irra bula.

20 Ulfinni koo na keessatti haaraa taʼee jiraata;

iddaanis harka koo keessatti haaromfama.’

21 "Namoonni calʼisanii gorsa koo eeggachaa

abdiidhaan na dhaggeeffatu.

22 Erga ani dubbadhee booddee isaan deebiʼanii hin dubbanne;

dubbiin koos akka gaariitti gurra isaanii seena ture.

23 Isaan akkuma nama bokkaa eeggatuutti na eeggatan;

dubbii koos akkuma bokkaa arfaasaa dhugan.

24 Yeroo ani isaaniif seequtti isaan hin amanne;

ifni fuula koos isaaniif waan guddaa ture.

25 Ani karaa isaaniif filee akka hangafa isaaniitti nan taaʼe;

akka mootii loltoota isaa gidduu jiraatuutti nan jiraadhe;

ani akka nama warra booʼan jajjabeessuus taʼe.

Todos os capítulos de Iyyoob 42
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.