Pular para o conteúdo
Publicidade

Iyyoob 32

Eeliihuu

1 Sababii Iyyoob nama qajeelaa of seʼeef namoonni sadan kunneen deebii kennuufii dhiisan. 2 Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichi maatiin Raamii sun garuu sababii Iyyoob qooda Waaqaa qajeelaa of godheef akka malee itti aare. 3 Akkasumas sababii isaan Iyyoobitti muruu malee deebii hin qabaatiniif Eeliihuun michoota Iyyoob sadanitti akka malee aare. 4 Eliihuun waan namoonni sun umuriidhaan isa caalaniif utuu dursee Iyyoobitti hin dubbatin ture. 5 Garuu yeroo akka namoonni sun sadan waan dubbatan dhaban argetti aariin isaa ittuma caale.

6 Kanaafuu Eliihuun ilmi Barakeel Buuzichaa sun akkana jedhe:

"Ani umuriidhaan xinnaa dha;

isin garuu jaarsolii dha;

kanaafuu ani yaada koo isinitti himuu

nan saalfadhe; nan sodaadhes.

7 Ani, ‘Umuriin ni dubbata;

barri dheeraanis ogummaa barsiisa’ jedhee yaadeen ture.

8 Garuu hafuura nama keessa jiru,

hafuura Waaqni Waan Hunda Dandaʼu itti baafatutu hubannaa kennaaf.

9 Ogeessi jaarsa qofa miti;

kan waan qajeelaa hubatus, nama umurii dheeraa qofa miti.

10 "Kanaafuu ani akkana nan jedhaa na dhaggeeffadhaa;

anis waanan beeku isinitti nan hima.

11 Ani yeroo isin dubbattan nan obse;

yeroo isin jechoota filattanitti illee

ani dubbii ogummaa kan isin dubbattan nan dhaggeeffadhe;

12 ani qalbeeffadheen isin dhagaʼe.

Garuu isin keessaa namni tokko iyyuu akka inni dogoggore Iyyoobin hin amansiifne;

namni tokko iyyuu falmii isaatiif deebii hin kennine.

13 Isin, ‘Nu ogummaa arganneerra;

nama utuu hin taʼin, Waaqni isa irra haa aanu’ hin jedhinaa.

14 Iyyoob garuu dubbii isaatiin na hin tuqne;

anis falmii keessaniin deebii isaaf hin kennu.

15 "Isaan abdii kutatanii waan jedhan dhaban;

dubbiinis isaan harkaa badde.

16 Erga isaan calʼisanii,

erga isaan deebii kennan tokko illee dhabanii achi dhadhaabatanii, ani eeguun qabaa?

17 Ani deebii koo nan kenna;

waanan beeku nan hima.

18 Dubbiin na keessa guuteeraatii;

hafuurri na keessa jirus na kakaasa;

19 garaan koo akkuma daadhii wayinii kan qadaadamee,

akkuma qalqalloo daadhii wayinii haaraa dhoʼuun gaʼeetii.

20 Ani dubbadhee qabbaneeffachuun qaba;

afaan koo banadhees deebii kennuun qaba.

21 Ani nama wal hin caalchisu;

yookaan nama tokko iyyuu hin saadu.

22 Utuu ani nama saaduu beekee,

Uumaan koo silaa dafee lafa irraa na balleessa ture.

Todos os capítulos de Iyyoob 42
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.