45 Fiiliphoos Naatnaaʼelin argee, "Isa Museen kitaaba Seeraa keessatti waaʼee isaa barreessee fi isa raajonnis waaʼee isaa barreessan, ilma Yoosef, Yesuus nama Naazreeti arganneerra" jedheen.
46 Naatnaaʼelis, "Naazreeti keessaa wanni gaariin baʼuu ni dandaʼaa?" jedhee gaafate.
Fiiliphoosis, "Kottuutii ilaali" jedheen.
47 Yesuusis utuu Naatnaaʼel gara isaa dhufuu argee, "Ilaa Israaʼelicha dhugaa kan haxxummaan keessa hin jirre!" jedhee waaʼee isaa dubbate.
48 Naatnaaʼelis, "Ati eessatti na beekta?" jedheen.
Yesuusis, "Utuu Fiiliphoos si hin waamin dura yeroo ati muka harbuu jala turtettin si arge" jedhee deebiseef.
49 Naatnaaʼelis, "Yaa Barsiisaa, ati Ilma Waaqaa ti! Ati Mootii Israaʼel" jedheen.
50 Yesuus immoo akkana jedheen; "Ati sababii ani muka harbuu jalattan si arge siin jedheef amantee? Waan kana caalu iyyuu arguuf jirta." 51 Innis itti dabalee, "Ani dhuguman, dhuguman isiniin jedha; samiin banamee utuu ergamoonni Waaqaa Ilma Namaa irra ol baʼanii gad buʼanuu ni argitu" jedheen.