17 Kanaafuu Abbaan waan ani deebisee fudhachuuf lubbuu koo dabarsee kennuuf na jaallata. 18 Lubbuu koo anumatu ofii kootiin dabarsee kenna malee eenyu iyyuu narraa hin fudhatu. Ani lubbuu koo dabarsee kennuuf taayitaan qaba; deebisee fudhachuufis taayitaan qaba. Ajaja kanas Abbaa koo biraa fudhadheera."