21 Maartaanis Yesuusiin akkana jette; "Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture. 22 Ammas taanaan akka waan ati Waaqa kadhattu hunda Waaqni siif kennu nan beeka."
23 Yesuusis, "Obboleessi kee ni kaʼa" jedheen.
24 Maartaanis deebiftee, "Akka inni duʼaa kaʼuu guyyaa dhumaa sanatti kaʼu anuu beeka" jetteen.
25 Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; "Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata; 26 kan na keessa jiraatuu fi kan natti amanu hundinuu bara baraan hin duʼu. Kana ni amantaa ree?"
27 Isheenis, "Eeyyee yaa Gooftaa, akka ati Kiristoos11:27 yookaan Masiihicha Ilma Waaqaa kan gara addunyaa dhufu sana taate nan amana" jetteen.