Publicidade

João 14

16 Ani Abbaa nan kadhadha; innis akka inni bara baraan isin wajjin jiraatuuf Jajjabeessaa biraa isinii kenna; 17 inni Hafuura dhugaa ti. Addunyaan waan isa hin arginee fi waan isa hin beekneef isa fudhachuu hin dandaʼu. Isin garuu waan inni isin wajjin jiraatuuf, isin keessas waan jiruuf isa ni beektu. 18 Ani akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabneetti isin hin dhiisu; gara keessan nan dhufa. 19 Yeroo muraasa booddee addunyaan deebiʼee na hin argu; isin garuu na argitu. Sababii ani jiraadhuuf isinis ni jiraattu. 20 Akka ani Abbaa koo keessa jiru, akka isin na keessa jirtan akka anis isin keessa jiru gaafas ni beektu. 21 Namni ajajawwan koo qabu, isaanis kan eegu, inni na jaallata. Nama na jaallatu Abbaan koo ni jaallata; anis isa nan jaalladha; isattis of nan mulʼisa."

22 Yihuudaa Keeriyoticha utuu hin taʼin inni Yihuudaan kaan, "Yaa Gooftaa, ati maaliif addunyaatti utuu hin taʼin nutti of mulʼisuu barbaadda?" jedheen.

23 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "Namni na jaallatu kam iyyuu dubbii koo ni eega. Abbaan koo isa ni jaallata; nus gara isaa ni dhufna; iddoo jireenyaas isa wajjin ni godhanna. 24 Namni na hin jaallanne dubbii koo hin eegu. Dubbiin isin dhageessan kunis kan Abbaa na erge sanaati malee kan koo miti.

25 "Ani utuman isin wajjin jiruu waan kana isinitti dubbadheera. 26 Jajjabeessaan sun, Hafuurri Qulqulluun kan Abbaan maqaa kootiin ergu garuu waan hunda isin barsiisa; waan ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-