23 Loltoonni sunis erga Yesuusin fannisanii booddee kittaa isaa hambisanii wayyaa isaa fuudhanii akka tokko tokko isaan gaʼuuf iddoo afuritti hiratan. Kittaan sun hin hodhamne; olii hamma gadiittis dhaʼaa tokko ture.
24 Kanaafuu isaan, "Kottaa hin tarsaasnuu; garuu ixaa buufannee akka inni kan eenyuu taʼu ilaallaa"19:24 Far 22:18 waliin jedhan.
Kunis akka Katabbiin Qulqulluun,
"Isaan wayyaa koo hiratan;
uffata koottis ixaa buufatan"
jedhu sun raawwatamuuf taʼe. Wanni loltoonni godhanis kanuma.
25 Fannoo Yesuus biras haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaam niitiin Qilophaatii fi Maariyaam isheen Magdalaa dhaabatanii turan. 26 Yesuusis yommuu haadha isaatii fi barataa inni jaallatu sana utuu inni ishee cina dhaabatuu argetti haadha isaatiin, "Dubartii nana! Kunoo, ilma kee" jedhe. 27 Barataa sanaan illee, "Kunoo haadha kee" jedhe; barataan sunis saʼaatii sanaa jalqabee gara mana isaatti ishee fudhate.