11 Maariyaam garuu alaan awwaala bira dhaabattee booʼaa turte. Utuma boossuus awwaallatti gad jettee ilaalte; 12 isheenis ergamoota lama kanneen uffata adaadii uffatanii iddoo reeffi Yesuus kaaʼamee ture sana, inni tokko mataa duraan, kaan immoo miilla jalaan taaʼan argite.
13 Isaanis, "Dubartii nana, maaliif boossa?" jedhaniin.
Isheen immoo, "Gooftaa koo fudhataniiru; eessa akka isa kaaʼanis ani hin beeku" jetteen. 14 Yommuu waan kana dubbattee of irra gara galtettis Yesuusin isaa achi dhaabatu argite; garuu Yesuus taʼuu isaa hin beekne.
15 Yesuusis, "Dubartii nana, maaliif boossa? Eenyun barbaadda?" jedheen.
Isheen immoo, nama iddoo biqiltuu keessa hojjetu seetee, "Yaa gooftaa, ati yoo isa fuutee jiraatte, akka ani dhaqee fudhadhuuf eessa akka isa keesse natti himi" jetteen.
16 Yesuusis, "Maariyaam!" jedheen.
Isheenis isatti gara galtee afaan Ibraayisxiitiin, "Rabbuunii!" jetteen. Hiikkaan isaas "Barsiisaa" jechuu dha.
17 Yesuus immoo, "Ani amma illee waan gara Abbaatti ol hin baʼiniif na hin tuqin. Garuu obboloota koo bira dhaqiitii, ‘Ani gara Abbaa kootii fi Abbaa keessaniitti, gara Waaqa kootii fi Waaqa keessaniitti ol nan baʼa’ jedheera jedhiitii isaanitti himi" jedheen.
18 Maariyaam isheen Magdalaas gara barattootaa dhaqxee, "Ani Gooftaa argeera!" jette. Akka inni waan kana isheen jedhes isaanitti himte.