Yesuus Barattoota Isaatti Mulʼate
19 Guyyaa jalqaba torban sanaa galgala utuu barattoonni waan Yihuudoota sodaataniif balbala cufatanii walitti qabamanii jiranuu Yesuus dhufee isaan gidduu dhaabatee, "Nagaan isiniif haa taʼu" jedheen. 20 Innis erga waan kana dubbatee booddee harka isaatii fi cinaacha isaa isaanitti argisiise. Barattoonnis yommuu Gooftaa arganitti akka malee gammadan.
21 Yesuus amma illee, "Nagaan isiniif haa taʼu! Akkuma Abbaan na erge sana anis isinan erga" jedheen. 22 Innis erga waan kana jedhee booddee Hafuura isaanitti baafatee akkana jedheen; "Hafuura Qulqulluu fudhadhaa. 23 Yoo isin namootaaf cubbuu isaanii dhiiftan isaaniif ni dhiifama; yoo isaaniif dhiisuu baattan immoo isaaniif hin dhiifamu."