Yesuus Toomaasitti Mulʼate
24 Garuu yeroo Yesuus dhufetti warra Kudha Lamaan keessaa Toomaas inni Didimoos jedhamu tokko barattoota wajjin hin turre. 25 Kanaafuu barattoonni warri kaan, "Nu Gooftaa argineerra!" jedhanii isatti himan.
Inni garuu, "Ani iddoo mismaaraan waraaname harka isaa irratti argu malee, quba koo iddoo mismaaraa sana keessa kaaʼu malee, harka koos cinaacha isaa keessa kaaʼu malee hin amanu" jedheen.
26 Guyyaa saddeeti booddee barattoonni isaa ammas mana keessa turan; Toomaasis isaan wajjin ture. Utuma balbalichi cufamee jiruus Yesuus ol galee isaan gidduu dhaabatee, "Nagaan isiniif haa taʼu!" jedheen. 27 Innis Toomaasiin, "Quba kee as fidi; harka koo ilaali. Harka kee diriirfadhuutii cinaacha koo keessa kaaʼi. Amani malee amantii hin dhabin" jedhe.
28 Toomaas immoo, "Gooftaa koo! Waaqa koo!" jedheen.
29 Yesuusis, "Ati waan na argiteef amante; warri utuu hin argin amanan eebbifamoo dha" jedheen.