3 Yesuusis deebisee, "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu" jedheen.
4 Niqoodemoos immoo, "Namni erga dulloomee booddee akkamitti dhalachuu dandaʼa? Dhalachuuf jedhee lammata gadameessa haadha isaa keessa seenuu dandaʼaa?" jedhee gaafate.
5 Yesuusis akkana jedhee deebise; "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaʼu. 6 Kan foon irraa dhalate foon; kan Hafuura irraa dhalate garuu hafuura. 7 Jecha ani, ‘Ati lammata dhalachuu si barbaachisa siin jedhe hin dinqifatin.’ 8 Bubbeen gara fedhetti bubbisa. Atis huursuu isaa dhageessa malee akka inni eessaa dhufee fi akka inni garamitti deemu hin beektu; namni Hafuura irraa dhalate hundinuus akkanuma."