31 Kana gidduutti barattoonni isaa, "Yaa barsiisaa, mee waa nyaadhu!" jedhanii isa kadhatan.
32 Inni garuu, "Ani nyaata isin hin beekne kanan nyaadhu qaba" jedheen.
33 Barattoonni isaas, "Namatu nyaata fideefii laata?" jedhanii wal gaafatan.
34 Yesuus immoo akkana jedheen; "Nyaanni koo fedhii isa na ergee guutuu fi hojii isaa raawwachuu dha.