Pular para o conteúdo
Publicidade

Yohannis 6

32 Yesuusis akkana jedheen; "Ani dhuguman isinitti hima; kan samii irraa buddeena isinii kenne Musee miti; kan samii irraa buddeena dhugaa isiniif kennu garuu Abbaa koo ti. 33 Buddeenni Waaqaa isa samii irraa gad buʼee addunyaaf jireenya kennu sanaatii."

34 Isaanis, "Yaa Gooftaa, yeroo hunda buddeena kana nuu kenni" jedhaniin.

35 Yesuusis akkana isaaniin jedhe; "Buddeenni jireenyaa ana. Namni gara koo dhufu gonkumaa hin beelaʼu; kan anatti amanus gonkumaa hin dheebotu.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também