44 Abbaan na erge sun isa harkisuu baannaan namni kam iyyuu gara koo dhufuu hin dandaʼu; anis guyyaa dhumaatti duʼaa isa nan kaasa. 45 Raajota keessatti, ‘Isaan hundi warra Waaqa irraa baratan ni taʼu’6:45 Isa 54:13 jedhamee barreeffameera. Namni Abbaa irraa dhagaʼee fi kan isa irraa barate hundi gara koo ni dhufa. 46 Isa Waaqa biraa dhufe sana malee namni tokko iyyuu Abbaa hin argine; isa qofatu Abbaa arge. 47 Ani dhuguman isinitti hima; kan amanu jireenya bara baraa qaba.