57 Akkuma Abbaan jiraataan na ergee anis sababii Abbaatiin jiraadhu sana, namni na nyaatus sababii kootiin ni jiraata. 58 Buddeenni samii irraa buʼe isa kana; innis kan akka mannaa Abbootiin keessan nyaatanii duʼan sanaa miti; namni buddeena kana nyaatu bara baraan ni jiraata."