Yesuus Ayyaana Irratti Barsiisuu Isaa
14 Gara walakkaa Ayyaanichaattis Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisuu jalqabe. 15 Yihuudoonnis dinqifatanii, "Namichi kun akkamitti utuu hin baratin beekumsa akkanaa qabaate?" jedhan.
16 Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "Barsiisni koo kan isa na ergeeti malee kan koo miti. 17 Namni fedhii Waaqaa gochuu barbaadu kam iyyuu barsiisni koo Waaqa biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kootiin dubbachuu fi dubbachuu baachuu koo ni beeka. 18 Namni ofuma isaatiin dubbatu inni ofuma isaatii ulfina argachuu barbaada; namni ulfina kan isa erge sanaa barbaadu garuu inni nama dhugaa ti; jalʼinnis isa keessa hin jiru.