Pular para o conteúdo
Publicidade

João 8

Dubartii Ejja Irratti Qabamte

1 Yesuus garuu gara Tulluu Ejersaa dhaqe.

2 Ganama bariis deebiʼee mana qulqullummaa dhufe; innis namni hundumtuu isa biratti walitti qabamnaan taaʼee isaan barsiise. 3 Barsiistonni seeraatii fi Fariisonni dubartii ejja irratti qabamte tokko isatti fidan. Gidduu isaaniis dhaabachiisanii, 4 Yesuusiin akkana jedhan; "Yaa barsiisaa, dubartiin kun utuu ejja hojjettuu qabamte. 5 Museen Seera keessatti akka warri akkanaa dhagaadhaan tumaman nu ajajeera. Ati immoo maal jetta?" 6 Isaanis waan ittiin isa himatan argachuuf jedhanii isa qoruudhaaf waan kana gaafatan.

Yesuus garuu gad jedhee quba isaatiin lafa irratti barreessuu jalqabe. 7 Isaanis ittuma fufanii isa gaafannaan ol jedhee, "Isin keessaa namni cubbuu hin qabne dursee isheetti dhagaa haa darbatu" jedheen. 8 Ammas gad jedhee lafa irratti barreesse.

9 Isaanis yommuu kana dhagaʼanitti maanguddootaa jalqabanii tokko tokkoon baʼanii sokkan; Yesuus immoo dubartittii achuma dhaabattee jirtu wajjin kophaa hafe. 10 Yesuusis ol jedhee, "Dubartii nana, warri si himatan meerre? Namni tokko iyyuu sitti hin murree?" jedheen.

11 Isheenis, "Yaa Gooftaa, namni tokko iyyuu natti hin murre" jetteen.

Yesuusis, "Anis sitti hin muruu deemi; garuu siʼachi cubbuu hin hojjetin" jedheen.]8:11 Waraabbileen durii hedduun kutaa (Yoh 7:53–8:11) hin qaban yookaan iddoo biraa yookaan immoo wangeelota biraa keessa seensisan.

Veja também