Yesuus Namicha Jaamaa Tokko Fayyisuu Isaa
1 Yesuus utuu darbuu namicha dhalootuma isaatii jalqabee jaamaa ture tokko arge. 2 Barattoonni isaas, "Yaa barsiisaa, akka namichi kun jaamaa taʼee dhalatuuf eenyutu cubbuu hojjete? Isuma moo abbaa fi haadha isaa ti?" jedhanii isa gaafatan.
3 Yesuusis akkana jedhee deebise; "Akka hojiin Waaqaa isaan mulʼatuuf malee inni yookaan abbaa fi haati isaa cubbuu hojjetanii miti. 4 Utuu guyyaa taʼee jiruu hojii isa na ergee hojjechuun qabna. Halkan namni tokko iyyuu itti hojjechuu hin dandeenye ni dhufa. 5 Ani yommuun addunyaa irra jiru, ifa addunyaa ti."
6 Innis erga waan kana dubbatee booddee lafatti tufee dhoqqee tolche; dhoqqee sanas ija namichaatti dibe. 7 Innis namicha sanaan, "Dhaqiitii Haroo Saliihoomitti dhiqadhu" jedhe. Saliihoom jechuun kan ergame jechuu dha. Namichis dhaqee dhiqate; argaas deebiʼee dhufe.
8 Olloonni isaatii fi namoonni duraan utuu inni kadhatuu argan, "Namichi kun isuma taaʼee kadhachaa ture sana mitii?" jedhan. 9 Namoonni tokko tokko, "Eeyyee, isa" jedhan.
Kaan immoo, "Miti, isa fakkaata malee" jedhan.
Inni garuu, "Namichi sun anuma" jedhe.
10 Jarris, "Iji kee akkamitti baname ree?" jedhaniin.
11 Innis deebisee, "Namicha Yesuus jedhamutu dhoqqee tolchee ija koo dibee, ‘Gara Haroo Saliihoom dhaqiitii dhiqadhu’ naan jedhe; anis dhaqeen dhiqadhe; arguus nan dandaʼe."
12 Isaanis, "Namichi sun eessa jira?" jedhanii isa gaafatan.
Inni immoo, "Ani hin beeku" jedheen.