Publicidade

Jeremias 47

Ergaa Waaʼee Filisxeemotaa

1 Dubbiin Waaqayyoo kan waaʼee Filisxeemotaa kan utuu Faraʼoon Gaazaa hin dhaʼin dura gara Ermiyaas raajichaa dhufe kanaa dha:

2 Waaqayyo akkana jedha:

"Kunoo, karaa kaabaatiin bishaan ol kaʼaa jira;

bishaan kunis lolaa guutee irra dhangalaʼu taʼa.

Innis biyyattii fi waan ishee keessa jiru,

magaalaawwanii fi warra isaan keessa jiraatan hunda irra garagala.

Uummanni ni booʼa;

warri ishee keessa jiraatan hundis ni wawwaatu;

3 kunis sababii didicha kottee fardeen gulufanii,

girrisa gaariiwwan diinaatii fi

qaqawweessa goommaa isaaniitiif.

Abbootiin ijoollee isaanii gargaaruuf duubatti gara hin galan;

harki isaaniis isaan irratti laamshaʼa.

4 Filisxeemota hunda balleessuuf

hambaa Xiiroosii fi Siidoonaa

gargaaruuf hafan hundas balleessuuf

guyyaan sun dhufeeraatii.

Waaqayyo Filisxeemota,

hambaa qarqara Kaftoor balleessuu gaʼeera.

5 Gaazaan gaddaan mataa ishee haaddatti;

Ashqaloon ni calʼisti.

Yaa hambaa dirree irraa

isin hamma yoomiitti of ciccirtu?

6 "Isin, ‘Yaa goraadee Waaqayyoo

ati hamma yoomiitti hin boqonne?

Manʼee keetti deebiʼi;

calʼisii taaʼi’ jettanii iyyitu.

7 Garuu utuu Waaqayyo isa ajajuu,

yeroo Waaqni akka inni Ashqaloonii fi

qarqara galaanaa dhaʼuuf qajeelfama isaa kennutti

inni akkamitti boqochuu dandaʼa?"

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-