Sulula Qalmaa
30 " ‘Sabni Yihuudaa fuula koo duratti waan hamaa hojjeteera; jedha Waaqayyo. Isaan waaqota isaanii tolfamoo jibbisiisoo mana maqaa kootiin waamamu keessa dhaabanii manicha xureessaniiru. 31 Isaan ilmaanii fi intallan isaanii achitti ibiddaan gubuuf jedhanii Sulula Ben Hinoom keessatti iddoo sagadaa Toofet ijaaran; kun immoo waan ani isaan hin ajajin yookaan yaada kootti hin dhufinii dha. 32 Kanaafuu beekkadhaa! Barri itti namoonni iddoo sanaan, siʼachi Sulula qalmaa jedhanii waaman malee Toofet yookaan Sulula Ben Hinoom hin jenne ni dhufa; isaan hamma iddoon hanqatutti Toofetitti warra duʼan awwaaluutii, jedha Waaqayyo. 33 Reeffi namoota kanaa simbirroota samiitii fi bineensota lafaatiif nyaata taʼa; namni sodaachisee irraa isaan ariʼu tokko iyyuu hin jiru.