30 Yiftaan akkana jedhee Waaqayyoof wareege; "Yoo ati Amoonota dabarsitee harka kootti kennite, 31 yommuu ani moʼadhee deebiʼutti wanni mana kootii na simachuudhaaf jalqabatti baʼuu kam iyyuu kan Waaqayyoo ti; anis qalma gubamu godhee isa nan dhiʼeessa."