6 Dubartiin sunis gara dhirsa ishee dhaqxee akkana jettee itti himte; "Nama Waaqaa tokkotu gara koo dhufe. Innis ergamaa Waaqayyoo fakkaatee akka malee nama sodaachisa. Ani akka inni eessaa dhufe isa hin gaafanne; innis maqaa isaa natti hin himne. 7 Garuu inni, ‘Ati ulfooftee ilma deessa. Egaa siʼachi daadhii wayinii yookaan dhugaatii nama macheessu hin dhugin; waan xuraaʼaas hin nyaatin; sababiin isaas inni gaafa dhalatee jalqabee hamma duʼutti Naaziricha Waaqaa taʼaatii’ naan jedhe."
8 Maanoʼaanis, "Yaa Gooftaa, akka namichi Waaqaa kan ati gara keenyatti ergite sun ammas dhufee akka nu itti mucaa dhalatu sana guddisuu qabnu nu barsiisuuf akka nuuf ergitu sin kadhadha" jedhee Waaqayyoon kadhate.