Pular para o conteúdo
Publicidade

Juízes 3

Naaʼod

12 Ammas Israaʼeloonni fuula Waaqayyoo duratti waan hamaa hojjetan; sababii isaan waan hamaa kana hojjetaniif Waaqayyo akka Egloon mootiin Moʼaab harka isaa isaanitti cimsuuf dabarsee isaan kenne. 13 Innis Amoonotaa fi Amaaleqoota walitti qabatee Israaʼeloota waraane; isaanis Magaalaa Meexxii qabatan. 14 Israaʼeloonni waggaa kudha saddeet Egloon mootii Moʼaab jalatti bulan.

15 Israaʼeloonni ammas gara Waaqayyootti iyyatan; innis nama isaan furu tokko jechuunis Eehuud nama harka bitaachaa, ilma Geeraa sana gosa Beniyaam keessaa isaanii kaase. Israaʼeloonnis akka inni Egloon mootii Moʼaab sanaaf gibira geessu Naaʼodin ergan. 16 Eehuudis goraadee gama lamaan qara qabu kan meetira walakkaa dheeratu tolfatee uffata isaa jalaan tafa mirgaatti hidhate. 17 Gibira sana Egloon mooticha Moʼaab namicha akka malee furdaa ture sanaaf dhiʼeesse. 18 Naaʼod erga gibira sana dhiʼeessee booddee namoota baataniifii dhufan geggeesse. 19 Inni garuu iddoo dhagaan baafamu kan Gilgaal biratti argamu bira gaʼee duubatti deebiʼuudhaan, "Yaa mootii ani waan dhoksaatti sitti himu tokko qaba" jedhe.

Mootichis, "Calʼisaa!" jedhe; warri isa bira turan hundinuus isa dhiisanii baʼan.

20 Utuu mootichi kutaa mana isaa iddoo qabbanaaʼaa tokko kophaa isaa taaʼee jiruu Eehuud itti dhiʼaatee, "Ani ergaa Waaqa biraa siif ergame qaba" jedheen. Egloonis teessoo isaa irraa ol kaʼe; 21 Eehuud harka isaa bitaa diriirsee tafa mirga isaa irraa goraadee luqqifatee garaa mootichaa keessa fullaase. 22 Qabannoon isaas utuu hin hafin garaa seenee sibiilli isaa duubaan baʼe. Naaʼod goraadicha garaa mootichaa keessaa hin buqqifne; moorris goraadee sana haguugee ture. 23 Ergasiis Eehuud Egloonitti balbala cufee karaa borootiin baʼee qajeele.

24 Erga Eehuud deemee booddee tajaajiltoonni mootichaa dhufan; balbala kutaa mana ol aanuus akkuma inni cufamee jirutti argan. Isaanis, "Tarii inni mana boolii gad taaʼee jira taʼa" jedhan. 25 Hamma dadhabanittis eegan; garuu waan inni utuu balbala hin banin tureef furtuu fudhatanii balbala banan. Kunoo gooftaan isaanii duʼee lafa irra diriiree ture.

26 Utuma isaan dhaabatanii eegaa jiranuu Eehuud fagaatee deeme. Karaa lafa dhagaan itti soofamuutiin darbee gara Seʼiiraatti baqate. 27 Innis yommuu achi gaʼetti biyya gaaraa Efreem keessatti malakata afuufe; Israaʼeloonnis hooggantummaa isaatiin biyya gaaraa sana irraa isa wajjin gad buʼan.

28 Eehuudis, "Diina keessan Moʼaabin Waaqayyo dabarsee harka keessanitti isinii kenneeraatii na duukaa buʼaa!" jedheen. Isaanis malkaa Yordaanos kan gara Moʼaabitti geessu sana qabatanii nama tokko illee achiin darbuu dhowwan. 29 Yeroo sanatti Moʼaabota hundi isaanii jajjaboo fi humna qabeeyyii taʼan kuma kudhan fixan; namni tokko iyyuu isaan jalaa hin baane. 30 Gaafa sana Moʼaab harka Israaʼelitti galfamte; biyyattiinis waggaa saddeettamaaf nagaa argatte.

Veja também