22 Yeroo malakanni dhibbi sadan sun afuufametti Waaqayyo akka namni qubata sana keessa ture tokko tokkoon goraadee isaa walitti luqqifatu godhe; raayyaan waraanaas karaa Zereeraatiin gara Beet Shiixaatti, isa biras darbanii hamma daarii Abeel Mehoolaa ishee Xabaati bira jirtu sanaatti baqatanii deeman.