Dhalachuu Yesuus
26 Jiʼa jaʼaffaattis Gabriʼeel Ergamichi Waaqa biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame; 27 innis gara durba namichi sanyii Daawit irraa dhalate kan maqaan isaa Yoosef jedhamu tokkoof kaadhimamtee1:27 Kaadhima qabaachuun akka bartee Yihuudootaatti akkuma nama wal fuudheetti cimaa dha. Intalli kaadhimamte tokko nama biraa wajjin ciisuun garuu akkuma ejjaatti ilaalama. Walii galtee kaadhimaa diiguunis niitii ofii yookaan dhirsa ofii hiikuu wajjin tokkuma. dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Maariyaam ture.