Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 1

Dhalachuu Yesuus

26 Jiʼa jaʼaffaattis Gabriʼeel Ergamichi Waaqa biraa gara magaalaa Naazreeti ishee Galiilaa keessatti argamtuutti ergame; 27 innis gara durba namichi sanyii Daawit irraa dhalate kan maqaan isaa Yoosef jedhamu tokkoof kaadhimamtee1:27 Kaadhima qabaachuun akka bartee Yihuudootaatti akkuma nama wal fuudheetti cimaa dha. Intalli kaadhimamte tokko nama biraa wajjin ciisuun garuu akkuma ejjaatti ilaalama. Walii galtee kaadhimaa diiguunis niitii ofii yookaan dhirsa ofii hiikuu wajjin tokkuma. dhufe. Maqaan durba qulqullittii sanaas Maariyaam ture. 28 Ergamaan Waaqaa sunis gara ishee dhaqee, "Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira" jedhe.

29 Maariyaam garuu dubbii ergamaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, "Kun nagaa akkamiitii?" jettee yaadde. 30 Ergamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; "Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii. 31 Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaafta. 32 Innis guddaa ni taʼa; Ilma Waaqa Waan Hundaa Olii jedhamees ni waamama. Waaqni Gooftaanis teessoo Abbaa isaa Daawit ni kennaaf; 33 inni mana Yaaqoob irratti bara baraan ni moʼa; mootummaan isaas dhuma hin qabu."

34 Maariyaamis, "Ani durba; yoos wanni kun akkamitti taʼuu dandaʼa ree?" jettee ergamaa sana gaafatte.

35 Ergamaan sunis akkana jedhee deebiseef; "Hafuurri Qulqulluun sirra buʼa; humni Waaqa Waan Hundaa Oliis si golbooba. Kanaaf inni qulqulluun dhalatu sun Ilma Waaqaa ni jedhama. 36 Kunoo, firri kee Elsaabeexi iyyuu dulluma ishee keessa ilma ulfoofteerti; isheen dhabduu jedhamaa turte sun jiʼa jaʼaffaa qabatteerti. 37 Wanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii."

38 Maariyaamis, "Kunoo, ani garbittii Gooftaa ti. Akkuma ati dubbatte naaf haa taʼu" jetteen. Ergamichis ishee dhiisee deeme.

Veja também