28 Ergamaan Waaqaa sunis gara ishee dhaqee, "Yaa ishee surraa argatte; nagaan siif haa taʼu! Gooftaan si wajjin jira" jedhe.
29 Maariyaam garuu dubbii ergamaa sanaatiin akka malee jeeqamtee, "Kun nagaa akkamiitii?" jettee yaadde. 30 Ergamichi garuu akkana isheedhaan jedhe; "Yaa Maariyaam, hin sodaatin; ati Waaqa biraa surraa argatteertaatii. 31 Kunoo ni ulfoofta; Ilmas ni deessa; maqaa isaas Yesuus jettee moggaafta.