Faarfannaa Zakkaariyaas
67 Zakkaariyaas abbaan Yohannis Hafuura Qulqulluudhaan guutamee akkana jedhees raajii dubbate:
68 "Sababii dhufee saba isaa fureef Gooftaan,
Waaqni Israaʼel haa eebbifamu.
69 Inni mana garbicha isaa mana Daawit keessatti
gaanfa fayyinaa nuuf kaaseera;
70 akkuma afaan raajota isaa qulqulloota duriitiin dubbatetti
71 diinota keenya jalaa,
harka warra nu jibban hundumaa keessaas nu baasuuf jedhee
72 araara abbootii keenyaaf waadaa gale sana raawwachuudhaaf,
kakuu isaa qulqulluu,
73 inni abbaa keenya Abrahaamiif kakate yaadachuudhaaf,
74 harka diinota keenyaa keessaa nu baasuudhaaf,
akka nu sodaa malee isa tajaajillu nu dandeessisuudhaaf,
75 akka nu bara jireenya keenyaa guutuu qulqullinaa fi qajeelinaan,
fuula isaa duratti tajaajilluuf waan kana godhe.
76 "Yaa mucaa ko, ati raajii Waaqa Waan Hundaa Olii ni jedhamta;
ati karaa isaa qopheessuuf fuula Gooftaa dura ni deemtaatii;
77 kunis akka ati dhiifama cubbuu argachuu isaaniitiin beekumsa fayyinaa
saba isaatiif kennituuf;
78 sababii araara Waaqa keenyaa kan gara laafinaan guutame
kan bariin fayyinaa samii irraa ittiin nuu bariʼuu,
79 warra dukkana keessa,
gaaddidduu duʼaa jala jiraniif akka ifa kennuuf;
miilla keenyas karaa nagaa irra deemsisuuf."