17 Namoonni torbaatamii lamaan sunis gammachuudhaan deebiʼanii, "Yaa Gooftaa, hafuuronni hamoon iyyuu maqaa keetiin nuu ajajamaniiru" jedhan.
18 Yesuusis deebisee akkana jedhe; "Ani utuu Seexanni akkuma balaqqeetti samii irraa buʼuu nan arge. 19 Kunoo, ani akka isin bofaa fi torbaanqabaa lafatti dhidhiittanii fi akka humna diinaa hundas moʼattaniif aangoo isinii kenneera; wanni kam iyyuu isin hin miidhu. 20 Garuu sababii maqaan keessan samii keessatti barreeffameef gammadaa malee sababii hafuuronni isinii ajajamaniif hin gammadinaa."