Pular para o conteúdo
Publicidade

ሉቃስ 10:17-20

ONOCV New Oromo Contemporary Version

17 ነሞትን ቶርባተሚ ለማን ሱንስ ገመቹዻን ዴብአኒ፣ "ያ ጎፍታ፣ ሀፉሮትን ሀሞንዩ መቃኬቲን ኑ አጀጀመኒሩ" ጄዸን።

18 ዬሱስስ ዴብሴ አከነ ጄዼ፤ "አን ኡቱ ሴጠን አኩመ በለቄት ሰሚራ ቡኡ ነንአርጌ። 19 ኩኖ፣ አን አከ እስን ቦፋፊ ቶርባንቀባ ለፈት ዽዺተኒፊ አከ ሁምነ ዲና ሁንደስ ሞአተኒፍ ኣንጎ እስኒ ኬኔረ፤ ወን ከምዩ እስን ህንሚዹ። 20 ገሩ ሰበቢ መቃንኬሰን ሰሚ ኬሰት በሬፈሜፍ ገመዳ መሌ ሰበቢ ሀፉሮትን እስኒ አጀጀመኒፍ ህንገመድና።"

Em outras traduções

  1. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    17 Namoonni torbaatamii lamaan sunis gammachuudhaan deebiʼanii, "Yaa Gooftaa, hafuuronni hamoon iyyuu maqaa keetiin nuu ajajamaniiru" jedhan.

    18 Yesuusis deebisee akkana jedhe; "Ani utuu Seexanni akkuma balaqqeetti samii irraa buʼuu nan arge. 19 Kunoo, ani akka isin bofaa fi torbaanqabaa lafatti dhidhiittanii fi akka humna diinaa hundas moʼattaniif aangoo isinii kenneera; wanni kam iyyuu isin hin miidhu. 20 Garuu sababii maqaan keessan samii keessatti barreeffameef gammadaa malee sababii hafuuronni isinii ajajamaniif hin gammadinaa."

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    17 Namoonni torbaatamii lamaan sunis gammachuudhaan deebiʼanii, "Yaa Gooftaa, hafuuronni hamoon iyyuu maqaa keetiin nuu ajajamaniiru" jedhan.

    18 Iisaanis deebisee akkana jedhe; "Ani utuu sheeyxaanni akkuma balaqqeetti shamaayʼun irraa buʼuu nan arge. 19 Kunoo, ani akka isin bofaa fi torbaanqabaa lafatti dhidhiittanii fi akka humna diinaa hundas moʼattaniif aangoo isinii kenneera; wanni kam iyyuu isin hin miidhu. 20 Garuu sababii maqaan keessan shamaayʼun keessatti barreeffameef gammadaa malee sababii hafuuronni isinii ajajamaniif hin gammadinaa."

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.