21 Yesuus yeroo sana Hafuura Qulqulluudhaan gammachuun guutamee akkana jedhe; "Yaa Abbaa, Gooftaa samiitii fi lafaa, sababii ati wantoota kanneen ogeeyyii fi hubattoota jalaa dhoksitee daaʼimmanitti mulʼifteef ani sin galateeffadha. Eeyyee yaa Abbaa, ati waan kana gochuutti gammaddeertaatii.