Pular para o conteúdo
Publicidade

Luqaas 10

Fakkeenya Namicha Samaariyaa Tokkoo

25 Gaaf tokko, hayyuun seeraa tokko Yesuusin qoruuf jedhee kaʼee dhaabate. Innis, "Yaa Barsiisaa, ani jireenya bara baraa dhaaluudhaaf maal gochuun qaba?" jedhee gaafate.

26 Yesuusis deebisee, "Seera keessatti maaltu barreeffame? Atis akkamitti dubbifta?" jedheen.

27 Namichis, " ‘Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu;10:27 KeD 6:5 ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaalladhu’10:27 Lew 19:18" jedhee deebise.

28 Yesuusis, "Sirriitti deebifteerta; atis kanuma godhi ni jiraattaa" jedheen.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também