Fakkeenya Namicha Samaariyaa Tokkoo
25 Gaaf tokko, hayyuun seeraa tokko Yesuusin qoruuf jedhee kaʼee dhaabate. Innis, "Yaa Barsiisaa, ani jireenya bara baraa dhaaluudhaaf maal gochuun qaba?" jedhee gaafate.
26 Yesuusis deebisee, "Seera keessatti maaltu barreeffame? Atis akkamitti dubbifta?" jedheen.
27 Namichis, " ‘Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu;10:27 KeD 6:5 ollaa kees akkuma ofii keetiitti jaalladhu’10:27 Lew 19:18" jedhee deebise.
28 Yesuusis, "Sirriitti deebifteerta; atis kanuma godhi ni jiraattaa" jedheen.
29 Namichi sun garuu qajeelaa of gochuu barbaadee, "Ollaan koo eenyu?" jedhee Yesuusin gaafate.
30 Yesuusis deebisee akkana jedhe; "Namichi tokko utuu Yerusaalemii baʼee Yerikootti gad buʼaa jiruu harka saamtotaa seene. Isaanis uffata isaa irraa baafatanii, tumanii, duʼaa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman. 31 Lubni tokko utuu akkuma tasaa karaa sanaan gad buʼuu namicha argee irraa goree darbe. 32 Akkasumas namichi gosa Lewwii tokko yommuu iddoo sana gaʼeetti namicha sana argee irraa goree darbe. 33 Namichi Samaariyaa tokko garuu utuu deemaa jiruu iddoo namichi sun jiru gaʼe; yommuu isa argettis garaa laafeef. 34 Innis itti dhiʼaatee zayitii fi daadhii wayinii madaa isaatti naqee hidheef; harree isaa irras kaaʼee, mana boqonnaa keessummootaatti isa geesse; achittis isa gargaare. 35 Guyyaa itti aanutti diinaarii lama baasee abbaa mana boqonnaa sanaatti kennee, ‘Namicha kana ittiin naa walʼaani; yoo kana caalaa baaftes ani yeroon deebiʼee dhufutti siifin kenna’ jedheen.
36 "Egaa jara sadan kanneen keessaa ollaan namicha harka saamtotaa seene sanaa isa kam seeta?"
37 Hayyuun seeraa sunis, "Isa garaa laafeef sana" jedheen.
Yesuusis, "Atis dhaqiitii akkasuma godhi" jedheen.