Fakkeenya Sanyii Sanaaficaatii fi Fakkeenya Raacitii
18 Yesuusis akkana jedhee gaafate; "Mootummaan Waaqaa maal fakkaata? Anis maaliinan wal isa fakkeessa? 19 Mootummaan Waaqaa sanyii sanaaficaa kan namni tokko fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase fakkaata. Sanyiin sunis guddatee muka taʼe; simbirroonnis dameewwan isaa irra jiraatan."