Yesuus Mana Fariisicha Tokkootti
1 Guyyaa Sanbataa tokko yommuu Yesuus buddeena nyaachuuf mana Fariisicha beekamaa tokkoo dhaqetti, namoonni xiyyeeffatanii isa ilaalaa turan. 2 Namichi dhagni isaa dhiitaʼe tokkos fuula isaa dura ture. 3 Yesuusis, "Guyyaa Sanbataatiin nama fayyisuun ni eeyyamama moo hin eeyyamamu?" jedhee Fariisotaa fi hayyoota seeraa gaafate. 4 Isaan garuu ni calʼisan; innis namicha harkaan qaqqabee fayyisee gad isa lakkise.