Namicha Sooressaa fi Alʼaazaar
19 "Namicha sooressa uffata dhiilgee haphii kan quncee talbaa irraa hojjetame uffatee, guyyuma guyyaan qananiidhaan jiraatu tokkotu ture. 20 Karra isaa dura immoo namichi hiyyeessi Alʼaazaar jedhamu kan dhagni isaa hundi mammadaaʼe tokko ciisaa ture. 21 Innis hambaa maaddii sooressa sanaa irraa harcaʼu illee nyaachuu ni kajeela ture; saroonni iyyuu dhufanii madaa isaa arraabu turan.
22 "Gaaf tokko namichi hiyyeessi sun duunaan ergamoonni Waaqaa isa baatanii gara bobaa Abrahaamitti isa geessan; sooressichis duʼee awwaalame. 23 Utuu Siiʼool keessatti dhiphachaa jiruus ol milʼatee Abrahaamin fagootti, Alʼaazaarin immoo bobaa Abrahaam keessatti arge. 24 Innis iyyee, ‘Yaa Abbaa koo Abrahaam, waan ani ibidda kana keessatti dhiphachaa jiruuf maaloo garaa naa laafiitii akka inni fiixee quba isaa bishaan keessa cuuphee arraba koo naa qabbaneessuuf Alʼaazaarin naa ergi’ jedheen.
25 "Abrahaam garuu akkana jedhee deebise; ‘Yaa ilma ko, ati bara jireenya keetiitti waan gaarii akka argatte, Alʼaazaar immoo waan hamaa akka argate yaadadhu; amma garuu asitti isatti toleera; ati immoo dhiphachaa jirta. 26 Waan kana hunda irrattis, akka warri nu biraa gara keessan dhufuu barbaadan dhufuu hin dandeenyeef yookaan akka warri isin biraa gara keenyatti ceʼuu hin dandeenyeef nuu fi isin gidduu boolla guddaatu jira.’
27 "Dureessi sunis akkana jedhee deebise; ‘Yoos yaa Abbaa, akka ati gara mana abbaa kootti Alʼaazaarin naa ergitu sin kadhadha; 28 ani obboloota shan qabaatii; akka isaanis iddoo dhiphinaa kana hin dhufneef inni dhaqee isaan haa akeekkachiisu.’
29 "Abrahaam garuu, ‘Isaan Musee fi raajota qabu; isaanuma haa dhagaʼan’ jedhe.
30 "Dureessichis, ‘Akkas miti; yaa abbaa koo Abrahaam; yoo warra duʼan keessaa namni tokko gara isaanii dhaqe garuu, isaan qalbii ni jijjiirratu’ jedheen.
31 "Abrahaamis, ‘Isaan yoo Musee fi raajota hin dhageenye, yoo namni tokko warra duʼan keessaa kaʼe illee hin amanan’ jedheen."