Publicidade

Lucas 17

12 Akkuma inni ganda tokko seeneenis, namoonni lamxaaʼan kudhan isatti dhufan. Isaanis fagoo dhadhaabatanii, 13 sagalee isaanii ol fudhatanii, "Yesuus yaa Gooftaa, nuu naʼi!" jedhan.

14 Innis yommuu isaan argetti, "Dhaqaatii lubootatti of argisiisaa!" jedheen; isaanis utuma deemaa jiranuu qulqullaaʼan.

15 Isaan keessaas inni tokko yommuu fayyuu isaa argetti sagalee guddaadhaan Waaqaaf ulfina kennaa deebiʼee dhufe. 16 Adda isaatiinis miilla Yesuus irratti gombifamee isa galateeffate; innis nama Samaariyaa ture.

17 Yesuusis akkana jedhee gaafate; "Kurnanuu qulqullaaʼaniiru mitii? Yoos warri hafan sagallan eessa dhaqan? 18 Nama ormaa kana malee namni deebiʼee Waaqaaf galata galchu tokko iyyuu hin argamnee?" 19 Yesuusis, "Kaʼii deemi; amantiin kee si fayyiseeraatii" jedheen.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-