14 Innis yommuu isaan argetti, "Dhaqaatii lubootatti of argisiisaa!" jedheen; isaanis utuma deemaa jiranuu qulqullaaʼan.
15 Isaan keessaas inni tokko yommuu fayyuu isaa argetti sagalee guddaadhaan Waaqaaf ulfina kennaa deebiʼee dhufe. 16 Adda isaatiinis miilla Yesuus irratti gombifamee isa galateeffate; innis nama Samaariyaa ture.
17 Yesuusis akkana jedhee gaafate; "Kurnanuu qulqullaaʼaniiru mitii? Yoos warri hafan sagallan eessa dhaqan? 18 Nama ormaa kana malee namni deebiʼee Waaqaaf galata galchu tokko iyyuu hin argamnee?" 19 Yesuusis, "Kaʼii deemi; amantiin kee si fayyiseeraatii" jedheen.