Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 18

Fakkeenya Haadha Hiyyeessaa Tokkoo

1 Yesuusis akka isaan yeroo hunda kadhachuu qabanii fi akka isaan abdii hin kutanne isaan barsiisuuf jedhee fakkeenya tokko barattoota isaatti hime. 2 Innis akkana jedhe; "Magaalaa tokko keessa abbaa murtii kan Waaqa hin sodaanne, namas kan hin kabajne tokkotu ture. 3 Haati hiyyeessaa tokkos magaalaa sana keessa turte; isheenis, Diina koo irratti murtii qajeelaa naa kennijettee isatti deddeebiʼaa turte.

4 "Innis yeroo gabaabaaf didee ture; ergasii garuu akkana jedhee garaa isaatti yaade; Ani yoon Waaqa hin sodaanne illee, yoon namas hin kabajne illee, 5 sababii niitiin kun deddeebitee na rakkiftuuf murtii qajeelaa nan kennaaf; yoo kanaa achii deddeebitee na dadhabsiifti.’ "

6 Gooftaanis akkana jedhe; "Egaa waan abbichii murtii dabaan sun jedhu dhagaʼaa; 7 Waaqni immoo filatamtoota isaa warra halkanii guyyaa gara isaatti iyyataniif murtii qajeelaa hin kennuu? Isaan duraa tursaa ree? 8 Ani isinittin hima; inni dafee murtii qajeelaa kennaaf; garuu Ilmi Namaa gaafa dhufu lafa irratti amantii ni argataa?"

Veja também