8 Zakkewoos garuu kaʼee dhaabatee Gooftaadhaan, "Yaa Gooftaa kunoo, ani walakkaa qabeenya koo hiyyeeyyiif nan kenna; ani yoon nama tokko illee gowwoomsee saamee jiraadhe, waanan fudhadhe sana harka afur godhee nan deebisa" jedhe.
9 Yesuus deebisee akkana jedheen; "Namichi kunis waan ilma Abrahaam taʼeef, harʼa fayyinni mana kanaaf dhufeera.