22 Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?"20:22 Qeesaariif gibira kaffaluun – Mootummaan Roomaa biyya isaanii qabachuu isaa Yihuudoonni hin beekan ture. Utuu Yesuus hin dhufin waggaa digdamii shaniin dura, sababii gibira kaffaluutiin mootummaa Roomaatti mormiin guddaan tokko kaʼee ture. Kanaaf gaaffiin kun gaaffii micciiramaa dha. Yesuus yoo kaffaltii gibiraa deeggare, fudhatama nama biratti qabu sana dhaba. Yoo kaffaltii gibiraa morme immoo dabarfamee abbootii aangoo mootummaatti kennama.
23 Inni garuu haxxummaa isaanii argee akkana isaaniin jedhe; 24 "Mee diinaarii tokko natti argisiisaa. Fakkii fi katabbii eenyuutu isa irra jira?"
Isaanis, "Kan Qeesaar" jedhanii deebisan.
25 Kana irratti inni, "Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa" jedheen.