22 Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?"20:22 Qeesaariif gibira kaffaluun – Mootummaan Roomaa biyya isaanii qabachuu isaa Yihuudoonni hin beekan ture. Utuu Iisaan hin dhufin waggaa digdamii shaniin dura, sababii gibira kaffaluutiin mootummaa Roomaatti mormiin guddaan tokko kaʼee ture. Kanaaf gaaffiin kun gaaffii micciiramaa dha. Iisaan yoo kaffaltii gibiraa deeggare, fudhatama nama biratti qabu sana dhaba. Yoo kaffaltii gibiraa morme immoo dabarfamee abbootii aangoo mootummaatti kennama.
23 Inni garuu haxxummaa isaanii argee akkana isaaniin jedhe; 24 "Mee diinaarii tokko natti argisiisaa. Fakkii fi katabbii eenyuutu isa irra jira?"
Isaanis, "Kan Qeesaar" jedhanii deebisan.
25 Kana irratti inni, "Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Allaaha immoo Allaahaf kennaa" jedheen.