Karaa Gara Emaahuus Geessu Irratti
13 Guyyuma sana isaan keessaa namoonni lama ganda Emaaʼuus jedhamu dhaqaa turan; Emaaʼuusis Yerusaalem irraa gara kiiloo meetira kudha tokkoo fagaata. 14 Isaanis waaʼee waan taʼe sana hundaa walitti dudubbachaa turan. 15 Utuma isaan walitti dudubbachaa fi wajjin haasaʼaa jiranuus Yesuus mataan isaa itti dhiʼaatee isaan wajjin deemuu jalqabe. 16 Garuu akka isaan isa hin hubanneef iji isaanii qabamee ture.
17 Innis, "Wanni isin dudubbachaa deemtan kun maali?" jedhee isaan gaafate.
Isaanis gaddanii achuma dhadhaabatan. 18 Isaan keessaa namichi Qileyoophaa jedhamu tokko immoo deebisee, "Waan gidduu kana achitti taʼe kan hin beekne ati Yerusaalemiif keessummaadhaa?" jedheen.
19 Innis, "Maal faatu taʼe?" jedhee gaafate.
Isaanis deebisanii akkana jedhan, "Waaʼee Yesuus nama Naazreeti; inni raajii ture; fuula Waaqaatii fi fuula nama hundaa durattis dubbii fi hojiidhaan jabaa ture. 20 Luboonni hangafoonnii fi bulchitoonni keenya akka duuti itti muramuuf dabarsanii isa kennan; isa fannisanis. 21 Nu garuu namni Israaʼelin furu isa jennee abdannee turre. Kana irratti immoo erga wanni kun hundi taʼee harʼa guyyaa sadaffaa dha. 22 Akkasumas dubartoota keenya keessaa tokko tokko nu dinqisiisaniiru; isaanis barii barraaqaan gara awwaala sanaa dhaqanii, 23 reeffa isaa achii dhaban. Dubartoonni sunis deebiʼanii akka ergamoonni isaanitti mulʼatanii, Yesuus jiraataa taʼuu isaa isaanitti himan nutti odeessan. 24 Warra nu wajjin turan keessaas namoonni tokko tokko gara awwaalaa dhaqanii akka wanni sun akkuma dubartoonni nutti odeessan sana taʼe argan; isa garuu hin argine."
25 Innis akkana isaaniin jedhe; "Isin yaa warra hin hubannee fi warra waan raajonni dubbatan hunda amanuuttis mataa jabaattan! 26 Kiristoos24:26yookaan Masiihichi waan kana hundaan dhiphatee ergasii immoo ulfina isaatti galuu hin qabu turee?" 27 Innis Musee fi raajota hunda irraa jalqabee waan Katabbiiwwan Qulqulluu hunda keessatti waaʼee isaa dubbatame isaaniif ibse.
28 Yommuu ganda dhaqaa turan sanatti dhiʼaatanittis Yesuus waan darbee deemu of fakkeesse. 29 Isaan garuu, "Sababii galgalaaʼuu gaʼee fi dukkanaaʼaa jiruuf, nu bira buli" jedhanii jabeessanii isa kadhatan. Innis isaan bira buluuf gore.
30 Innis yommuu isaan wajjin maaddiitti dhiʼaatetti buddeena fuudhee, eebbisee, caccabsees isaaniif kenne. 31 Iji isaanii ni baname; isas ni beekan; innis ija isaanii duraa dhokate. 32 Isaanis, "Yeroo inni karaatti nu wajjin dubbachaa turee fi yeroo inni Katabbiiwwan Qulqulluu nuu ibsaa ture sana, garaan keenya nu keessatti bobaʼaa hin turree?" jedhanii wal gaafatan.
33 Yeruma sanas kaʼanii Yerusaalemitti deebiʼan; achitti immoo barattoota kudha tokkoo fi namoota isaan wajjin turan sana walitti qabamanii argan. 34 Warri walitti qabaman sunis, "Dhugumaan Gooftaan duʼaa kaʼeera; Simoonittis mulʼateera" jechaa turan. 35 Namoonni lamaan sunis waan karaa irratti taʼe hundumaa fi yeroo Yesuus buddeena caccabse sana akkamitti akka isa beekan odeessan.