Pular para o conteúdo
Publicidade

Luqaas 7

Yesuus Ilma Haadha Hiyyeessaa Duʼaa Kaase

11 Yesuus ergasii magaalaa Naayin jedhamtu tokko dhaqe; barattoonni isaatii fi namoonni baayʼeenis isa wajjin dhaqan. 12 Yommuu inni karra magaalattiitti dhiʼaatetti jarri tokko nama duʼe tokko baatanii isatti dhufan; namichi duʼe sunis haadha isaatiif ilma tokkicha ture; haati isaas haadha hiyyeessaa turte. Namoonni magaalattii baayʼeenis ishee wajjin turan. 13 Gooftaanis yommuu ishee argetti naʼeefii, "Hin booʼin" jedheen.

14 Innis itti dhiʼaatee wasaasaa reeffa sanaa tuqe; warri reeffa baatanis ni dhaabatan. Innis, "Gurbayyoo, ani siin nan jedhaa, kaʼi!" jedheen. 15 Gurbaan duʼe sunis kaʼee taaʼee dubbachuu jalqabe; Yesuusis deebisee haadha isaatti isa kenne.

16 Hundi isaanii ni sodaatan; "Raajiin guddaan nu keessaa argameera. Waaqnis saba isaa gargaaruuf dhufeera" jedhanii Waaqaaf ulfina kennan. 17 Oduun waaʼee Yesuus kunis Yihuudaa guutuu fi biyya naannoo sana jiru hundumaa keessa faffacaʼe.

Veja também