Pular para o conteúdo
Publicidade

Lucas 8

Fakkeenya Namicha Sanyii Facaasuu

1 Yesuusis ergasii wangeela mootummaa Waaqaa lallabaa magaalaa tokko irraa gara magaalaa biraatti, ganda tokko irraas gara ganda biraatti naannaʼaa ture. Warri Kudha Lamaanis isa wajjin turan; 2 dubartoonni hafuurota hamoo fi dhibee irraa fayyifaman tokko tokkos isa wajjin turan; isaanis Maariyaam ishee Magdalaa kan hafuuronni hamoon torba ishee keessaa baʼan, 3 Yohaanaa niitii Kuuzaa isa eegduu mana Heroodis turee, Suusanaa fi dubartoota biraa baayʼee turan. Dubartoonni kunneenis waan qabaniin Yesuusii fi barattoota isaa tajaajilaa turan.

Veja também